Metro Route 120 RapidRide H ta'uufi deemaa!
Gamtaa King County Metro waliin uumuudhaan daandii Delridge Way SW irra deebiin ijaaruufi. Akkasumas, Toora RapidRide H haala imala lafootii fi saayikilii ofuuf mijatuun fooyyessuuf ni hojjanna.
Ji'oota darbanitti waantonni hedduun Kibba Seattletti akka jijjiiraman ni hubanna. Ammas imalli fooyya'aan akka jiraatuuf daandiiwwan miidhaman fooyyessuun hojjachuudhaan Kibbi Seattle fuulduratti akka tarkaanfattuuf ni hojjanna. Baay'ina konkolaataafi geejibaa dabaluudhaan dura, daandiiwwan geejibaafi imalaa irra deebiin ijaaruun barbaachisaadha. Kanaafis jecha daandii Delridge Way SW ijaaruuf kan hojjataa jirru.
Ji'a Bonaa Waxabajjii kanatti, ollaa keessanitti daandiiwwan miidhaman deebisnee ijaarra, imalaaf akka mijatutti ni fooyyessina, akkasumas mallattoowwan toora imala konkolaataa haala barbaachisuun itti dabaluuf hojjataa jirra. Toorri konkolaataa baasii RapidRide H inni haaraan bara xumura 2021tti hojii kan jalqabu yoo ta'u, ijaarsi guutuun bara 2022tti ni xumurama.
Dizaayiniin keenya kan daandii Delridge Way SW kanneen qabu keessaa:
- Daandii konkolaattota dura gahan dhaabsisuuf oolu
- Mallattoo baasii yeroo ibsaan diimaan ifu fuuladuratti akka darbuuf agarsiisu
- Toora qoodiinsa haala tiraafikaa agarsiisu haaraa
- Qophii aartii haaraa bakka ummanni itti keessummaa’u yookan taa’uf tajaajilu
- Daandii imala dheeraafi suuta deemamuuf oolu
- Ujummoowwan bishaan dhugaatiifi balfa dhabamsiisan
- Daandiiwwan saayikilii ofuuf oolaniifi eegaman, bakka nammoonni lafoo itti qaxxaamuran, mallattoowwan imala saayikilii, toorawwa walqunnamsiistuu ollaa, ibsaa namoota miillan deemaniif, karaawwan namoonni miillaafi saayikiliin deeman kara konkolaataatti itti bayan haaraa
- Diizaayinii haaraa bakka konkolaataa dhaabuufi konkolaattota haaraafi saayikiloota keessummeessuu dandeessisu
- Ibsa yeroo konkolaataan bakkeewwan eeramanitti dhaabuun hin danda’amne ibsan, haala baay’ina konkolaataa ilaalcha keesa galcheen ibsu
Waa’ee pirojaktichaa caalmaatti baruufi ijaarsicha booda waantota eeggaman asitti argattu.